Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Abbootii Murtii 10

Toolaa

Erga Abiimelek duʼee booddee namichi gosa Yisaakor, Toolaan ilmi Phuwaa ilmi Doodoo Israaʼel baraaruuf kaʼe. Innis biyya gaaraa Efreem keessa Shaamiir jiraate. Tolaan waggaa digdamii sadii Israaʼelin bulche; ergasiis duʼee Shaamiiritti awwaalame.

Yaaʼiir

Isatti aanee Yaaʼiir namichi gosa Giliʼaad kaʼee waggaa kudha lama Israaʼelin bulche; innis ilmaan soddoma kanneen harroota soddoma yaabbatan qaba ture. Isaanis magaalaawwan hamma harʼaatti gandoota Yaaʼiir jedhaman soddoma Giliʼaad keessaa qabu turan. Yaaʼiiris duʼee Qaamonitti awwaalame.

Yiftaa

Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan. Baʼaalii fi Ashtooreti akkasumas waaqota Sooriyaa, Siidoonaa, Moʼaab, Amoonii fi kan Filisxeem waaqeffatan. Waan Israaʼeloonni Waaqayyoon dhiisanii isa waaqeffachuu didaniif, inni isaanitti dheekkame. Dabarsees harka Filisxeemotaatii fi Amoonotaatti isaan gurgure; isaanis bara sana ijoollee Israaʼel gad cabsanii cunqursan. Israaʼeloota biyya Amoorotaa kan Giliʼaad keessa karaa baʼaatiin laga Yordaanos bira jiraatan hundumaa waggaa kudha saddeet akka malee cunqursan. Amoononnis gosa Yihuudaa, gosa Beniyaamii fi mana Efreem waraanuudhaaf laga Yordaanos ceʼan. Israaʼeloonnis akka malee raafaman. Kanaafuu Israaʼeloonni, “Nu si Waaqa keenya dhiifnee Baʼaal waaqeffachuudhaan yakka sitti hojjenneerra” jedhanii Waaqayyotti iyyatan.

Waaqayyos akkana jedhee deebiseef; “Yeroo warri Gibxi, Amooronni, Amoononni, Filisxeemonni, Siidoononni, Amaaleqoonnii fi Maaʼoononni isin cunqursinaan isin natti iyyattanitti ani harka isaanii jalaa isin hin baafnee? Isin garuu na dhiiftanii waaqota biraa waaqeffattan; kanaafuu ani siʼachi isin hin baasu. Deemaatii waaqota filattan sanatti iyyadhaa. Yommuu isin rakkattan isaanumti isin haa oolchan!”

Israaʼeloonnis Waaqayyoon, “Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi” jedhan. Isaanis waaqota ormaa gidduu isaaniitii balleessanii Waaqayyoon waaqeffatan. Innis ergasii dhiphina Israaʼel calʼisee ilaaluu hin dandeenye.

Yeroo Amoononni Giliʼaaditti wal gaʼanitti Israaʼeloonnis wal gaʼanii Miisphaa qubatan. Hooggantoonni namoota Giliʼaadis, “Namni jalqabatti Amoonotatti waraana banu inni jiraattota Giliʼaad hundaaf hoogganaa taʼa” waliin jedhan.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.