Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Iyyaasuu 16
Qooda Gosa Efreemii fi Gosa Minaasee
Qoodni Yoosef Yordaanos Yerikoo biratti argamtu, karaa baʼa bishaanota Yerikootii kaʼee gammoojjii keessa qaxxaamuree biyya gaaraa Beetʼeelitti ol baʼa. Luuzi ishee Beetʼeel jedhamtu sanaa kaʼee gara biyya Arkaawotaa kan Axaaroti keessatti argamtu sanaatti ceʼa. Achii immoo gara lixaa biyya Yafleexotaatti gad buʼee Beet Horoon gaʼee gara Geezir itti fufee galaanicha gaʼee dhaabata.
Akkasitti Minaasee fi Efreem, ilmaan Yoosef dhaala isaanii argatan.
Qoodni gosti Efreem balbala balbalaan argatte kunoo kana:
Daariin dhaala isaanii gara baʼaatiin Axaaroti Adaarii kaʼee hamma Beet Horoon gara Ol aanuutti deemee hamma galaanaatti itti fufa. Karaa kaabaatiin Mikmetaatii kaʼee karaa baʼaatiin gara Taanaat Shiiloo goree achiin darbee baʼa Yaanoʼaatti qajeela. Ergasii immoo Yaanoʼaadhaa kaʼee Axaarotii fi Naʼaraatti gad buʼee Yerikoo irra naannaʼee Yordaanositti gad baʼa. Daariin sun Tafuuʼaadhaa kaʼee gama Lixaatiin Laga Qaanaatti gad buʼee galaana gaʼee dhaabata. Dhaalli gosti Efreem balbala balbalaan argatte kanaa dha.
Daariin kun magaalaawwanii fi olloota isaanii kanneen dhaala gosa Minaasee keessatti gosa Efreemiif hambifaman hundas ni dabalata.
Isaan Kanaʼaanota Geezir keessa jiraachaa turan sana ariʼanii achii hin baafne ture; hamma harʼaatti Kanaʼaanonni saba Efreem gidduu jiraatu; garuu akka hojii humnaa hojjetan dirqamu.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.