Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Iyyaasuu 12

Maqaa Mootota Moʼatamanii

Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:

Sihoon mootiin Amoorotaa,

Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.

Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.

Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.

Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.

Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.

Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha. Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti.

Mootonnis kanneenii dha:

Mootii Yerikoo, tokko

mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko

mootii Yerusaalem, tokko

mootii Kebroon, tokko

mootii Yarmuut, tokko

mootii Laakkiish, tokko

mootii Egloon, tokko

mootii Geezir, tokko

mooticha Debiir, tokko

mootii Gaadeer, tokko

mootii Hormaa, tokko

mootii Aaraad, tokko

mootii Libnaa, tokko

mootii Adulaam, tokko

mootii Maqeedaa, tokko

mootii Beetʼeel, tokko

mootii Tafuuʼaa, tokko

mootii Heefer, tokko

mootii Afeeq, tokko

mooticha Lashaaroon, tokko

mootii Maadoon, tokko

mootii Haazoor, tokko

mootii Shimroon Meroon, tokko

mootii Akshaaf, tokko

mootii Taʼanaak, tokko

mootii Megidoo, tokko

mootii Qaadesh, tokko

mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko

mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko

mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko

mootii Tiirzaa, tokko.

Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.