Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Iyyoob 7

“Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii?

Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii?

Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu,

yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo,

jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman;

halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman.

Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada.

Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala.

Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera;

gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira.

“Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata;

innis abdii malee dhuma.

Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo

akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu;

iji koo lammata waan gaarii hin argu.

Iji amma na argu siʼachi na hin argu;

ati na barbaadda; garuu ani hin jiru.

Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus

namni awwaalame hin deebiʼu.

Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu;

iddoon isaas siʼachi isa hin beeku.

“Kanaafuu ani cal hin jedhu;

ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha;

hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma.

Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo

yookaan bineensa galaanaa ti?

Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa;

wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti,

ati abjuu keessa na sodaachifta;

mulʼataanis na rifachiifta.

Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra

of hudhee duʼuu nan filadha.

Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu.

Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii.

“Akka ati isa leelliftuuf,

akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali?

Ati ganama ganama isa xiinxaltee

yeroo yerootti isa qorta.

Ati ija kee narraa hin buqqiftuu?

Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu?

Yaa isa nama eegdu,

yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha?

Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte?

Ani baʼaa sitti taʼeeraa?

Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee

cubbuu koo illee naaf hin dhiifne?

Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii;

ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.