Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Iyyoob 35
Eliihuunis itti fufee akkana jedhe:
“Ati waan kana qajeelaa seetaa?
Ati, ‘Ani fuula Waaqaa duratti qajeelaa dha’ jetta.
Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba?
Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta.
“Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif
deebii kennuu nan barbaada.
Ol jedhiitii samiiwwan ilaali;
duumessoota siin ol jiranis argi.
Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita?
Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha?
Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita?
Yookaan inni harka kee irraa maal argata?
Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha;
qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada.
“Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu;
irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu.
Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu;
‘Waaqni Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu,
kan bineensota lafa irraa caalaa beektota,
simbirroo samii caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’
Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif
yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu.
Dhugumaan Waaqni iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu;
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu.
Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira;
ani isa eeggachaan jira;
garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette,
inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree!
Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef,
sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef,
Iyyoob oduu faayidaa hin qabneen afaan bana;
beekumsa malees dubbii baayʼisa.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.