Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Iyyoob 18
Bildaad
Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
“Isin haasaa kana yoom fixxu?
Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
Nu maaliif akka looniitti hedamna?
Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
Ati kan aariidhaan of ciccirtu,
lafti sababii keetiif duwwaatti haftii?
Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?
“Ibsaan nama hamaa ni dhaama;
arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa;
ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba;
malli isaas isuma kuffisa.
Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa;
inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
Kiyyoon kottee isaa qaba;
futtaasaanis jabeessee isa qaba.
Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera;
karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa;
faana isaa buʼees isa ariʼa.
Badiisni afaan itti banateera;
balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma;
ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee
gara mootii sodaatti geeffama.
Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata;
dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
Jalaan hiddi isaa ni goga;
irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada;
maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama;
addunyaa irraas ni dhabama.
Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii,
biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu;
warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa;
iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.