Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Ermiyaas 47

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:

Waaqayyo akkana jedha:

“Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;

bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.

Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,

magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.

Uummanni ni booʼa;

warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;

kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,

girrisa gaariiwwan diinaatii fi

qaqawweessa goommaa isaaniitiif.

Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;

harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.

Filisxeemota hunda balleessuuf

hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa

gargaaruuf hafan hundas balleessuuf

guyyaan sun dhufeeraatii.

Waaqayyo Filisxeemota,

hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.

Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;

Ashqaloon ni calʼisti.

Yaa hambaa dirree irraa

isin hamma yoomiitti of ciccirtu?

“Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo

ati hamma yoomiitti hin boqonne?

Manʼee keetti deebiʼi;

calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.

Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu,

yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi

qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti

inni akkamitti boqochuu dandaʼa?”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.