Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Ermiyaas 39

Kufaatii Yerusaalem

39:1‑10 kwf – 2Mt 25:1‑12; Erm 52:4‑16

Akki Yerusaalem itti fudhatamte kana ture: Bara Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa keessa jiʼa kurnaffaa waggaa saglaffaatti, Nebukadnezar mootichi Baabilon loltoota isaa hunda wajjin duulee Yerusaalemin marse. Bara Zedeqiyaa keessa bultii saglaffaa jiʼa afuraffaa waggaa kudha tokkoffaatti, dallaan magaalaa sanaa ni cabsame. Ergasii qondaaltonni mootii Baabilon hundi dhufanii Karra Giddu Galeessa dura tataaʼan; isaanis Nergaal-Sharezer namicha Samgaar, Neboo-Sarsekiim ajajaa hangafa, Nergaal-Sharezer shuumii hangafaa fi qondaaltota mootii Baabilon hundaa dha. Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaatii fi loltoonni hundi yommuu jara arganitti ni baqatan; isaanis halkaniin karaa biqiltuu mootichaatiin magaalaa keessaa baʼanii karra dallaa lamaan gidduutiin gara Arabbaatti qajeelan.

Loltoonni Baabilonotaa garuu isaan ariʼanii dirree Yerikoo irratti Zedeqiyaa in qaqqaban. Isaanis isa qabanii Riiblaa Hamaati keessatti gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti geessan; mootichis achitti isatti mure. Mootiin Baabilonis achuma Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼee namoota Yihuudaa bebeekamoo hundas ajjeese. Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee Baabilonitti isa geessuuf foncaa naasiitiin isa hidhe.

Baabilononnis masaraa mootiitii fi manneen sabaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan. Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa, namoota magaalaa keessatti hafan, namoota isatti harka kennatanii fi namoota kaan wajjin boojiʼee Baabilonitti geesse. Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun garuu hiyyeeyyii homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihuudaatti hambise; innis yeroo sanatti iddoo dhaabaa wayiniitii fi lafa qotiisaa kenneef.

Nebukadnezar mootichi Baabilon akkana jedhee karaa Nebuzaradaan ajajaa eegumsaa sanaatiin waaʼee Ermiyaas ajaja kenne: “Isa fuudhiitii akka gaarii kunuunsi; waan inni barbaadu kam iyyuu godhiif malee isa hin miidhin.” Kanaafuu Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Nebuushazbaan shuumiin hangafti, Nergaal-Sharezer shuumiin ol aanaan, akkasumas qondaaltonni mootii Baabilon kaan hundi ergamanii oobdii eegumsaa keessaa Ermiyaasin baasisan. Isaanis akka Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam mana isaatti isa geessuuf imaanaa itti kennan. Ermiyaasis akkasiin saba ofii isaa keessa jiraate.

Utuma Ermiyaas oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe: “Dhaqiitii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani dubbii koo waan tolaadhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf magaalaa kana irratti fiixaan nan baasa. Yeroo sanatti wanni kun ijuma kee duratti fiixaan baʼa. Ani garuu gaafas sin oolcha, jedha Waaqayyo; ati dabarfamtee warra sodaattu sanatti hin kennamtu. Ani sin baasa; ati waan na amanattuuf lubbuu keetiin baata malee goraadeedhaan hin duutu, jedha Waaqayyo.’ ”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.