Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Isaayyaas 64
Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif,
maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee!
Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana,
akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf
gad buʼiitii akka saboonni fuula kee
duratti hollatan godhi!
Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute;
tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan.
Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu,
bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye;
yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne;
iji tokko iyyuu hin argine.
Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan
kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta.
Garuu yommuu nu ittuma fufnee
cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte.
Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree?
Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra;
hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti;
hundi keenya akkuma baalaa coollagne;
cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.
Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru;
yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru;
ati fuula kee nu dhokfattee
sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii.
Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya.
Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti;
hundi keenya hojii harka keetii ti.
Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin;
cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin.
Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi;
nu hundinuu saba keetii.
Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru;
Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti.
Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi,
iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera;
wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera.
Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda // calʼuma jettee ilaaltaa?
Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.