Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Isaayyaas 55

Affeerraa Warra Dheebotaniif Godhame

“Isin warri dheebottan hundinuu kottaa;

gara bishaanii kottaa;

isin warri maallaqa hin qabne,

kottaatii bitadhaa; nyaadhaas!

Kottaatii maallaqaa fi gatii malee

daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.

Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu?

Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu?

Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa;

lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.

Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa;

akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa.

Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala;

innis jaalala amanamaa isa Daawit // abdachiifame sanaa dha;

kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera;

hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.

Sababii Waaqayyo Waaqni kee,

Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef,

ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta;

saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu.”

Yeroo inni argamutti Waaqayyoon barbaaddadhaa;

yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.

Namni hamaan karaa isaa,

namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu.

Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf;

gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.

“Yaadni koo yaada keessan,

karaan keessanis karaa koo miti”

jedha Waaqayyo.

“Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,

karaan koo karaa keessan irraa,

yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.

Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana,

akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii,

isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee

utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,

dubbiin koo kan afaan kootii baʼus

fedhii koo raawwata;

kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee

harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.

Isin gammachuudhaan baatu;

nagaadhaan geggeeffamtu;

tulluuwwanii fi gaarran,

fuula keessan duratti ililchanii faarfatu;

mukkeen dirree hundinuus

harka walitti rukutu.

Qooda qoraattii birbirsi,

qooda sokorruus kusaayeen ni biqila.

Kunis Waaqayyoof yaadannoo,

mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.