Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Isaayyaas 52

Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi;

jabina kee uffadhu!

Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii,

wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu.

Namoonni dhagna hin qabaminii fi

xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.

Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu;

kaʼiitii teessoo irra taaʼi.

Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii,

foncaa morma keetii of irraa hiiki.

Waaqayyo akkana jedhaatii:

“Isin gatii malee gurguramtanii turtan;

amma immoo maallaqa malee furamtan.”

Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii:

“Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe;

ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.

“Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo.

“Sabni koo sababii malee fudhatameera;

warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo.

“Guyyaa guutuus,

maqaan koo ittuma fufee arrabsama.

Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka;

kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate

akka ana taʼe ni beeku.

Eeyyee, inni anuma.”

Miilli warra wangeela fidanii,

kan nagaa labsanii,

kan oduu gammachiisaa fidanii,

kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,

“Waaqni kee moʼeera!” jedhanii

tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!

Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru;

isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu.

Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti,

isaan ijuma isaaniitiin ni argu.

Yaa diigamtoota Yerusaalem

tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa;

Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee

Yerusaaleminis fureeraa.

Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti,

irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa;

handaarri lafaa hundis

fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu.

Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa;

addaan baʼaa; achii fagaadhaa!

Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa!

Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.

Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan;

yookaan baqattanii hin deemtan;

Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii;

Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega.

Dhiphinaa fi Ulfina Garbicha Sanaa

Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta;

inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.

Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti,

fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera;

bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;

akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa;

mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu.

Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii;

waan hin dhagaʼinis ni hubatu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.