Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Isaayyaas 35

Gammachuu Warra Furamanii

Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu;

lafti onaan ni ililcha; ni daraaras.

Akka arfaasee, baayʼinaan daraara;

akka malee gammadees ililcha.

Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi

Shaaroon ni kennamaaf;

isaan ulfina Waaqayyoo,

surraa Waaqa keenyaas ni argu.

Harka dadhabe jajjabeessaa;

jilba laafes cimsaa;

warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa:

“Jabaadhaa; hin sodaatinaa;

Waaqni keessan ni dhufa;

inni haaloo baasuuf dhufa;

gatii malu qabatee

isin oolchuuf ni dhufa.”

Ergasii iji nama jaamaa ni banama;

gurri nama duudaas ni dhagaʼa.

Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala;

arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata.

Bishaan gammoojjii keessaa,

burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.

Lafti nama gubu haroo,

lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa.

Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga,

shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.

Karaan guddaan tokko achi ni jiraata;

innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama;

inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa.

“Xuraaʼonni” isa irra hin deeman;

gowwoonni achiinuu hin baʼan.

Leenci achitti hin argamu;

yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu;

isaan achitti hin argaman.

Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;

warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu.

Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu;

gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata.

Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu;

gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.