Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Isaayyaas 21
Raajii Baabiloniin Mormu
Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu:
Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana,
weeraraan tokko gammoojjiidhaa,
biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera:
gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti.
Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi!
Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
Kana irratti dugdi na cite;
akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe;
ani waanan dhagaʼeen nan holladhe;
waanan argeenis nan raafame.
Qalbiin koo ni raafame;
sodaan na hollachiise;
dimimmisni ani hawwe sun
sodaatti na jalaa geeddarame.
Isaan maaddii qopheessu;
afaa diriirsu;
ni nyaatu, ni dhugu!
Isin qondaaltonni kaʼaa;
gaachanas zayitii dibaa.
Gooftaan akkana naan jedha:
“Dhaqiitii eegduu tokko ramadi;
innis waan argu haa himu.
Inni yommuu warra farda yaabbatan
kanneen lama lamaan yaaʼan,
warra harree yaabbatan
yookaan warra gaala yaabbatan argutti,
haa dammaqu;
guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
Eegduun sunis akkana jedhee iyye;
“Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan
qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha;
halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
Kunoo, warri farda yaabbatan,
lama lamaan dhufaa jiru;
inni akkana jedhee deebise:
‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti!
Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu
burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ”
Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan,
ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
Raajii Edoomiin mormu
Raajii Duumaan mormu:
Namni tokko Seeʼiirii na waamee,
“Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?
Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
Eegduun sunis,
“Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa.
Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa;
garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
Raajii Biyya Arabaatiin Mormu
Raajii biyya Arabaatiin mormu:
Isin imaltoonni Dedaan
kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
warra dheeboteef bishaan fidaa;
isin warri Teemaa keessa jiraattan,
baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
Isaan goraadee jalaa,
goraadee luqqifame jalaa,
xiyya aggaamame jalaa,
hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma. Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.