Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Isaayyaas 12
Faarfannaa Galataa
Ati gaafas akkana jetta:
“Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte;
aariin kees narraa deebiʼeera;
na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.
Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti;
ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.
Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,
jabinaa fi faarfannaa koo ti; // inni fayyina koo taʼeera.”
Isin burqaa fayyinaa keessaa
gammachuudhaan bishaan waraabbattu.
Isin bara sana keessa akkana jettu:
“Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;
waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;
akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.
Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa;
wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.
Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel // isin gidduutti guddaadhaatii
sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.