Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Hooseʼaa 8
Israaʼel Bubbee Hamaa Haammata
“Malakata afaan keetti kaaʼadhu!
Sababii namoonni kakuu koo cabsanii
seera kootti fincilaniif
risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira.
Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee
gara kootti iyyate.
Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera;
kanaafuu diinni isa ariʼa.
Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan;
utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan.
Isaan meetii fi warqee isaaniitiin
badiisa isaaniitiif
waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.
Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati!
Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa.
Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?
Isaan warra Israaʼel!
Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche;
inni Waaqa miti.
Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.
“Isaan bubbee facaafatanii
bubbee hamaa haammatu.
Mukni isaa mataa hin qabu;
daraaraas hin baasu.
Utuu inni midhaan naqatee
silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.
Israaʼel liqimfameera;
isaan amma saboota gidduutti
akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.
Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi
achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii;
Efreemis michootatti of gurgureera.
Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu
ani amma walitti isaan nan qaba.
Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti
ni sukkuumamu.
“Efreem aarsaa cubbuutiif // iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu,
lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf // qopheessan taʼeera.
Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera;
isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.
Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu;
foon sanas ni nyaatu;
Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne.
Inni amma hammina isaanii yaadatee
cubbuu isaanii adaba:
Isaan gara Gibxitti deebiʼu.
Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee
masaraawwan mootummaa ijaare;
Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare.
Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii
barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.