Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Hooseʼaa 1

Dubbiin Waaqayyoo kan bara Uziyaan, Yootaam, Aahaaziitii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa keessa, akkasumas bara Yerobiʼaam ilma Yooʼaash mooticha Israaʼel keessa gara Hooseʼaa ilma Biʼeer dhufe kanaa dha:

Niitii fi Ijoollee Hooseʼaa

Yeroo Waaqayyo karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti Waaqayyo akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin Waaqayyo irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.” Kanaafuu inni dhaqee Goomer intala Diblaayiim fuudhe; isheenis ulfooftee ilma deesseef.

Kana irratti Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Ani sababii dhiiga Yizriʼeel keessatti dhangalaʼe sanaatiif dafee mana Yehuu waanan adabuuf Yizriʼeel jedhii isa moggaasi; ani mootummaa Israaʼel nan balleessa. Gaafas ani Sulula Yizriʼeel keessatti iddaa Israaʼel nan cabsa.”

Goomer amma illee ulfooftee intala deesse. Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Sababii ani isaaniif araaramuu fi siʼachis mana Israaʼeliif garaa hin laafneef Loo-Ruhaamaa jedhii ishee moggaasi. Taʼus ani mana Yihuudaatiif garaa nan laafa; ani xiyyaan yookaan goraadeedhaan yookaan waraanaan yookaan fardeeniin yookaan abbootii fardaatiin isaan hin oolchu; garuu ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan nan oolcha.”

Goomer erga Loo-Ruhaamaa harma guusiftee booddee ulfooftee ilma deesse. Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Isin waan saba koo hin taʼinii fi anis Waaqa keessan hin taʼiniif Loo-Amii jedhii isa moggaasi.

“Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu. Guyyaan Yizriʼeel waan guddaa taʼuuf, sabni Yihuudaatii fi sabni Israaʼel deebiʼanii tokko taʼu; isaan hoogganaa tokko muuddatanii biyya sana keessaa ni baʼu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.