Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Ibroota 4

Boqonnaa Guyyaa Sanbataa

Kanaaf waadaan boqonnaa isaatti galuu sun amma iyyuu waan jiruuf isin keessaa namni kam iyyuu utuu boqonnaa sanatti hin galin akka hin hafne of haa eeggannu. Wangeelli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine. Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni,

“Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,

‘Isaan boqonnaa kootti

hin galan’ jedhee kakadhe”1

jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera. Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Waaqni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote”2 jedhee dubbate. Ammas inni iddoodhuma kanatti, “Isaan boqonnaa kootti hin galan”3 jedha.

Amma iyyuu akka namoonni tokko tokko itti galaniif iddoon boqonnaa sun hambifameera; warri duraan wangeelli itti lallabame sun immoo sababii ajajamuu didaniif boqonnaa sanatti hin galle. Kanaafuu Waaqni deebisee guyyaa tokko “Harʼa” jedhee waamuudhaan murteesse. Innis akkuma kanaan dura dubbatame sana bara dheeraa booddee karaa Daawitiitiin,

“Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,

mataa hin jabaatinaa”4 jedha.

Utuu Iyyaasuun boqonnaa sanatti isaan galchee jiraatee, silaa Waaqni ergasii waaʼee guyyaa biraa hin dubbatu tureetii. Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera; namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota.5 Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa.

Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora. Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.

Yesuus Luba Ol Aanaa Guddicha

Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne. Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.

Source notes (5)
  1. Footnote Far 95:11
  2. Footnote Uma 2:2
  3. Footnote Far 95:11
  4. Footnote Far 95:7,8
  5. Footnote Uma 2:2

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.