Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Ibroota 1

Dubbii Waaqayyoo Kan Xumuraa: Ilma Isaa

Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture; bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe. Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.

Ilmi Ergamoota Caaluu Isaa

Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,

“Ati Ilma koo ti;

ani harʼa si dhalcheera”1

Yookaan isa kamiin,

“Ani isaaf Abbaa nan taʼa;

innis Ilma naa taʼa”2

jedhee beeka? Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti,

“Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan”3

jedha. Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus,

“Inni ergamoota isaa hafuurota,

tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha”4

jedha. Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha;

“Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;

bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.

Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;

kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee,

hiriyoota kee si caalchise.”5

Akkasumas inni akkana jedha;

“Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite;

samiiwwanis hojii harka keetii ti.

Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;

hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;

ati akkuma wayyaatti isaan marta;

isaan akkuma uffataatti geeddaramu;

ati garuu sanuma;

umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”6

Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,

“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,

gara mirga koo taaʼi”7

jedhe? Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?

Source notes (7)
  1. Footnote Far 2:7
  2. Footnote 2Sm 7:14; 1Sn 17:13
  3. Footnote Far 104:4
  4. Footnote Far 104:4
  5. Footnote Far 45:6,7
  6. Footnote Far 102:25‑27
  7. Footnote Far 110:1

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.