Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Uumama 15

Kakuu Waaqni Abraam Wajjin Gale

Kana booddee dubbiin Waaqayyoo mulʼataan gara Abraam dhufee akkana jedhe;

“Yaa Abraam hin sodaatin;

ani gaachana keetii fi

gatii kee guddicha.”

Abraam garuu, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, waan ani ijoollee hin qabneef namni qabeenya koo dhaaluuf jiru Eliiʼezer namicha Damaasqoo kana; egaa ati maal naa kennita?” jedhe. Abraam, “Kunoo ati ijoollee tokko illee naa hin kennine; hojjetaan mana koo jiraatu tokko kunoo na dhaaluuf jira” jedhe.

Kunoo dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Ilma gudeeda keetiitu dhaaltuu kee taʼa malee namichi kun dhaaltuu kee hin taʼu” jedhe. Innis Abraamin gad baasee, “Samiiwwan ol ilaaliitii yoo urjiiwwan lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi” jedhe. Itti fufees, “Sanyiin kees akkanuma baayʼata” jedheen.

Abraam Waaqayyotti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.

Innis, “Ani Waaqayyo isa akka ati ishee dhaaltuuf biyya kana siif kennuuf jedhee Uuri biyya Kaldootaa keessaa si baasee dha” jedheen.

Abraam garuu, “Yaa Waaqayyoo Gooftaa, ani biyya kana dhaaluu koo akkamittin beeka?” jedhe.

Kanaafuu Waaqayyo, “Goromsa tokko, reʼee tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii waggaa sadii sadii guutan, akkasumas gugee tokkoo fi gugee sookkee tokko naa fidi” jedheen.

Abraamis warra kana hunda gara isaatti fidee, qixxee lamaanitti kukkute; warra qixxee lamaanitti kukkutamanis gamaa gamana kaaʼe; simbirroota garuu qixxee lamaanitti hin kukkunne. Ergasii allaattiin foon sanatti gad buute; Abraam garuu irraa ariʼe.

Utuma aduun dhiʼaa jirtuu hirribni guddaan Abraamin qabe; kunoo dukkanni guddaanii fi sodaachisaan isa irra buʼe. Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Akka sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼee waggaa dhibba afuris achitti garboomfamee cunqurfamu dhugumaan beeki. Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan qabeenya guddaa fudhatanii achii baʼu. Ati garuu nagaan gara abbootii keetii dhaqxa; bara dheeraas jiraattee awwaalamta. Sanyiin kee dhaloota afuraffaatti as deebiʼa; cubbuun Amoorotaa amma iyyuu hin guunneetii.”

Yommuu aduun lixxee dukkanaaʼettis kunoo barbadaan ibiddaa aaru guca tokko wajjin mulʼatee foon kukkutame sana gidduu darbe. Gaafa sanas Waaqayyo akkana jedhee Abraam wajjin kakuu gale; “Ani biyya laga Gibxii jalqabee hamma laga Efraaxiis guddichaatti jiru kana sanyii keetiif nan kenna; kunis biyya Qeenotaa, Qeneezotaa, Qadmoonotaas, kan Heetotaa, Feerzotaa, Refaayimootaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa Girgaashotaatii fi kan Yebuusotaa jechuu dha.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.