Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Galaatiyaa 5

Bilisummaa Kiristoosiin Argamu

Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.

Kunoo, dhagna yoo qabattan Kiristoos waan tokko akka isin hin fayyadne ani Phaawulos isinitti nan hima. Namni dhagna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa taʼe ani amma illee nan mirkaneessaaf. Isin warri seeraan qajeeltota taasifamuu barbaaddan Kiristoos irraa gargar baataniirtu; ayyaana irraas kuftaniirtu. Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna. Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.

Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree? Sossobbiin akkasii isa isin waame sana biraa hin dhufu. “Raacitiin xinnoon bukoo guutuu ni bukeessa.” Ani akka isin yaada biraa hin qabaanne karaa Gooftaatiin isin amanadha. Abbaa fedhe illee taanaan namni isin jeequu murtii ni argata. Yaa obboloota, ani amma iyyuu yoon dhagna qabaa lallabaa jiraadhee ani amma iyyuu maaliifin ariʼatama ree? Yoo akkas taʼee immoo fannoon gufuu taʼuun isaa ni hafa ture! Warri isin jeeqan sun dhagna qabachuu qofa utuu hin taʼin utuu of irraa muranii iyyuu nan hawwa!

Hafuuraan Jiraachuu

Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa. Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu”1 jedhuun xumurameeraatii. Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa.

Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha. Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu. Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.

Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru. Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru. Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu. Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu.

Source notes (1)
  1. Footnote Lew 19:18

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.