Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Hisqiʼeel 25

Raajii Amooniin Mormuudhaan Dubbatame

Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti garagalfadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji. Akkanas isaaniin jedhi; ‘Dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon koo qulqulluun xureeffametti, yeroo biyyi Israaʼel onetti, yeroo uummanni Yihuudaa boojiʼamee fudhatametti, “Baga!” jettaniirtuutii; kanaafuu ani saba baʼa biiftuutti handhuuraa godheen dabarsee isin kenna. Isaan gidduu keessanitti qubata hundeeffatanii dunkaana isaanii ni dhaabbatu; isaan midhaan keessan nyaatu; aannan keessanis ni dhugu. Magaalaa Rabbaa iddoo gaalli dheedu, Amoon immoo iddoo hoolaan boqotu nan godha. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu. Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Isin jalʼina garaa keessaniitiin badiisa biyya Israaʼelitti gammaduudhaan harka keessan walitti rurrukuttanii miilla keessaniin lafa dhidhiittaniirtuutii; kanaafuu ani harka koo isinitti diriirfadhee boojuuf dabarsee sabootatti isinan kenna. Ani saboota irraa isin kutee biyyoota keessaa isinan balleessa. Ani isinan barbadeessa; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”

Raajii Moʼaabiin Mormuudhaan Dubbatame

“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Moʼaabii fi Seeʼiir, “Kunoo manni Yihuudaa akkuma saboota biraa hundaa taʼe” jedhaniiruutii; kanaafuu magaalaawwan daangaa biyyattii irra jiran kanneen ishee kabajamsiisan jechuunis Beet Yashiimooti, Baʼaal Meʼoonii fi Kiriyaataayimii jalqabee hamma Moʼaabitti jiran qullaa nan hambisa. Ani akka Amoononni saboota gidduutti hin yaadatamneef Moʼaabotaa fi Amoonota handhuuraa godhee uummata baʼaatti nan kenna; anis Moʼaabin nan adaba. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”

Raajii Edoomiin Mormuudhaan Dubbatame

“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Edoom mana Yihuudaatti haaloo baʼee waan kana gochuudhaan yakka guddaa hojjeteef, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Edoomitti harka koo diriirfadhee namoota isheetii fi horii isaanii nan fixa. Ani ishee nan onsa; isaanis Teemaanii hamma Dedaaniitti goraadeedhaan ni dhumu. Ani harka saba koo Israaʼeliin Edoomitti haaloo nan baʼa; isaanis akkuma aarii fi dheekkamsa kootiitti Edoomin adabu; Edoomis haaloo baafachuu koo ni beekti, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”

Raajii Filisxeemiin Mormuudhaan Dubbatame

“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Filisxeemonni didhaan kakaʼanii garaa hamminaatiin haaloo baʼanii fi sababii isaan diinummaa duriitiin Yihuudaa balleessuu barbaadaniif, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani harka koo diriirfadhee Filisxeemota nan balleessa; Kereetota nan balleessa; warra qarqara galaanaatti hafan nan barbadeessa. Ani haaloo guddaa isaanitti baʼee dheekkamsa kootiin isaan nan adaba. Yeroo ani haaloo isaan baʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.