Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Hisqiʼeel 2

Waamamuu Hisqiʼeel

Innis, “Yaa ilma namaa, miilla keetiin dhaabadhu; ani sittan dubbadhaa” naan jedhe. Akkuma inni dubbateenis Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise; anis isaa natti dubbatu nan dhagaʼe.

Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara Israaʼelootaatti, gara saba fincilaa kan natti fincile sanaatti sin erga; isaanii fi abbootiin isaanii hamma harʼaatti natti fincilaniiru. Sabni ani itti si ergu sun didaa fi mata jabeessa. Atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin. Isaan mana fincilaadhaatii; dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis akka raajiin isaan gidduu jiru ni beeku. Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin. Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda. Yaa ilma namaa, ati garuu waan ani siin jedhu dhaggeeffadhu; ati akka mana fincilaa sanaa hin fincilin; afaan kee banadhuutii waan ani siif kennu nyaadhu.”

Kana irratti ani utuu harki tokko natti hiixatuun arge. Harka sana keessas kitaaba maramaa tokkotu ture; innis fuula koo duratti kitaaba sana diriirse. Kitaaba sana irrattis, duraa duubaan faaruun booʼichaa, gaddii fi wawwaannaan barreeffamanii turan.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.