Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Lallaba 3

Wanni Hundinuu Yeroo Qaba

Wanni hundinuu yeroo qaba;

hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:

Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba;

dhaabuuf yeroo qaba; buqqisuufis yeroo qaba;

ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba;

diiguuf yeroo qaba; ijaaruufis yeroo qaba;

booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba;

gadduuf yeroo qaba; sirbuufis yeroo qaba;

dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba;

hammachuuf yeroo qaba; hammachuu dhiisuufis yeroo qaba;

barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba;

kaaʼuuf yeroo qaba; gatuufis yeroo qaba;

tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba;

calʼisuuf yeroo qaba; dubbachuufis yeroo qaba;

jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba;

loluuf yeroo qaba; nagaafis yeroo qaba.

Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata? Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera. Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan. Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti. Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.

Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera;

wanni dhufuuf jirus duraanuu jira ture;

Waaqni waan darbes deebisee fida.

Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis:

Iddoo murtiin qajeelaan jiraachuu malu, hamminatu ture;

iddoo qajeelummaan jiraachuu malu immoo jalʼinatu ture.

Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade;

“Waaqni qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida;

wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii.”

Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora. Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu. Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu. Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?”

Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa?

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.