Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Lallaba 11
Buddeena Bishaan Irraa
Buddeena kee bishaan gubbaa buusi;
guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.
Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi;
balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.
Duumessi yoo bishaaniin guutame,
bokkaa lafatti gad dhangalaasa.
Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige,
idduma itti kufe sana ciisa.
Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu;
kan duumessa ilaallatus hin haammatu.
Ati akkuma daandii bubbee,
yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu // hin beekne sana,
hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee
beekuu hin dandeessu.
Inni kun yookaan inni sun,
yookaan lachanuu wal qixxee tolu;
inni kam akka tolu hin beektuutii;
ati sanyii kee ganamaan facaafadhu;
galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
Dargaggummaatti Uumaa kee Yaadadhu
Ifni miʼaawaa dha;
aduu arguunis ija gammachiisa.
Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee,
inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu.
Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu;
isaan ni baayʼatuutii.
Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.
Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi;
bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu.
Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi;
garuu akka Waaqni waan kana hundaaf // gara murtiitti si fidu beekkadhu.
Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;
sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef
dhagna kee keessaa hammina baasii gati.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.