Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Qolosaayis 4

Yaa gooftota, isinis akka samii irraa Gooftaa qabdan waan beektaniif, garboota keessan qajeelummaa fi wal qixxummaadhaan bulchaa.

Gorsa Dabalataa

Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan kadhannaatti jabaadhaa. Nu icciitii Kiristoos kan ani isaaf jedhee hidhamee jiru sana akka lallabnuuf Waaqni balbala dubbichaa akka nuu banu nuufis kadhadhaa. Anis akka narraa eegamutti ibsee akkan lallabuuf naa kadhadhaa. Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa. Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

Xikiqoos oduu waaʼee kootii hunda isinitti ni hima. Inni obboleessa jaallatamaa, tajaajilaa amanamaa fi Gooftaatti garbicha hidhata koo taʼee dha. Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni garaa keessan jajjabeessuuf gara keessanitti isa ergeera. Innis obboleessa keenya amanamaa fi jaallatamaa isa garee keessan keessaa tokko taʼe Oneesimoos wajjin dhufa. Isaanis waan asitti taʼaa jiru hundumaa isinitti himu.

Arisxirokoos inni na wajjin hidhamee jiru nagaa isinii dhaama; Maarqos durbiin Barnaabaasis akkanuma nagaa isinii dhaama. Waaʼee isaas ajajni, “Yoo inni gara keessan dhufe isa simadhaa” jedhu isin gaʼeera.

Yesuus inni Yoosxoos jedhamus akkasuma nagaa isinii dhaama. Warra dhagna qabatan keessaas kanneen na wajjin mootummaa Waaqaatiif hojjetan isaanuma qofa; isaanis jajjabina guddaa naa taʼaniiru.

Ephaafiraan inni isin keessaa tokko taʼee fi tajaajilaan Kiristoos Yesuus nagaa isinii dhaama. Innis akka isin fedhii Waaqaa hundaan bilchaatoo fi guutuu taatanii jabaattanii dhaabattaniif yeroo hunda kadhannaadhaan isinii dadhabaa jira. Ani akka inni isiniif, warra Lodooqiyaa fi magaalaa Heraapoolis jiraniifis hinaaffaa gaarii qabu dhugaa nan baʼaaf.

Luqaas ogeessi fayyaa michuun keenya jaallatamaanii fi Deemaas nagaa isinii dhaamu.

Obboloota Lodooqiyaa jiranitti, akkasumas Niimfaa fi waldaa kiristaanaa kan mana ishee jirtutti nagaa naa himaa.

Erga xalayaan kun isinii dubbifamee booddee waldaa Kiristaanaa Lodooqiyaatti akka dubbifamu godhaa; isinis xalayaa Lodooqiyaadhaa dhufu dubbifadhaa.

Arkiphaadhaanis, “Hojii Gooftaadhaan sitti kenname sana akka xumurtu mirkaneeffadhu” jedhaa.

Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. Hidhamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.