Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Amoos 5

Faaruu Booʼichaatii fi Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu

Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:

“Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti;

isheen lammata hin kaatu;

biyyuma ishee keessatti gatamtee

nama ol ishee qabu tokko illee dhabde.”

Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:

“Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef

dhibba tokko qofatu hafa;

magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef

kudhan qofatu hafa.”

Waaqayyo mana Israaʼeliin akkana jedha:

“Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;

Beetʼeelin hin barbaaddatinaa;

Gilgaal hin dhaqinaa;

Bersheebaattis hin ceʼinaa.

Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti;

Beetʼeelis ni dhabamti.”

Waaqayyoon barbaaddadhaatii jiraadhaa;

yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa // mana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa;

ibiddi sun ishee guba;

Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu // hin qabaattu.

Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii

qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.

Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume,

kan dukkana bariitti geeddaru,

inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu,

kan galaana keessaa bishaan ol waamee

fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu

maqaan isaa Waaqayyoo dha.

Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida;

magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.

Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu;

kan dhugaa dubbatus ni balfu.

Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii

akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu.

Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu

manneen sana keessa hin jiraattan;

isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu

daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.

Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi

cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii.

Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu;

hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.

Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata;

barri kun bara hamaadhaatii.

Akka lubbuudhaan jiraattaniif

waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa.

Yoos akkuma isin jettan sana

Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.

Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa;

mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa;

Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu

tarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii.

Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

“Daandii hunda irra booʼicha,

oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira.

Qonnaan bultoonni akka booʼaniif,

warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.

Ani gidduu keessan waanan darbuuf

iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa”

jedha Waaqayyo.

Guyyaa Waaqayyoo

Isin warra guyyaa Waaqayyoo

arguu hawwitaniif wayyoo!

Isin maaliif guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitu!

Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.

Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee

afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti;

yookaan akka nama mana isaa seenee

harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee

bofti isa idde tokkoo ti.

Guyyaan Waaqayyoo ifa utuu hin taʼin dukkana mitii?

Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?

“Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas;

waldaa keessanittis hin gammadu.

Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu

ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu.

Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu

ani homaattuu isa hin lakkaaʼu.

Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa!

Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.

Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa,

qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!

“Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama

gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?

Isin waan harkuma keessaniin tolfattan

jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii,

utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi

fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu.

Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif,

Damaasqoodhaan gamatti isinan erga”

jedha Waaqayyo inni maqaan isaa // Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.