Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Amoos 1
Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha.
Innis akkana jedhe:
“Waaqayyo Xiyoon keessaa iyya;
Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa;
dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga;
fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga.”
Murtii Olloota Israaʼelitti Murame
Waaqayyo akkana jedha:
“Ani cubbuu Damaasqoo sadiif,
afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼan
kan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif,
ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaad
barbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga.
Ani karra Damaasqoo nan cabsa;
mootii Sulula Aawwen keessa jiruu fi
isa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa.
Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama”
jedha Waaqayyo.
Waaqayyo akkana jedha:
“Ani cubbuu Gaazaa sadiif,
afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Sababii isheen hawaasa hunda boojitee
Edoomitti gurguratteef,
ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko
dallaa Gaazaatti nan erga.
Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessatti
bokkuu qabatu sana nan balleessa.
Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuutti
harka koo Eqroonitti nan deebifadha”
jedha Waaqayyo Gooftaan.
Waaqayyo akkana jedha:
“Ani cubbuu Xiiroos sadiif,
afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsitee
hawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef
ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko
dallaa Xiiroositti nan erga.”
Waaqayyo akkana jedha:
“Ani cubbuu Edoom sadiif,
afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Sababii inni gara laafina hunda gatee
obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef,
sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼee
dheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef,
ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokko
Teemaanitti nan erga.”
Waaqayyo akkana jedha:
“Ani cubbuu Amoon sadiif,
afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee
dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef
ani guyyaa lolaatti wacaan,
guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaan
ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko
dallaa Rabbaatti nan erga.
Mootiin ishee boojiʼamee innii fi
qondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu”
jedha Waaqayyo.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.