Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

2 Xiimotewos 3

Waan Guyyoota Dhumaa Keessa Taʼu

Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.

Isaan warra manneen seenuudhaan dubartoota dadhaboo warra cubbuun isaan irra tuulamee fi warra hawwii gosa hundaatiin asii fi achi raafaman boojiʼanii dha; dubartoonni kunneen yeroo hunda ni baratu; garuu gonkumaa dhugaa beekuutti dhufuu hin dandaʼan. Akkuma Yaaneesii fi Yaambirees Museen morman sana namoonni qalbiin isaanii badee waaʼee amantiitti fudhatama dhaban kunneenis dhugaadhaan ni mormu. Taʼus gowwummaan isaanii waan akkuma namoota sanaa nama hunda biratti ifatti baʼuuf isaan fagoo hin deeman.

Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa

Ati garuu barsiisa ko, haala jireenya koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo, jabaadhee dhaabachuu koo hundumaa duukaa buuteerta; ariʼatamuu koo, rakkina kootii fi waan Anxookiiyaatti, Iqooniyoonii fi Lisxiraanitti narra gaʼe, ariʼatama garaa garaa kan ani obsaan keessa darbes duukaa buuteerta. Gooftaan garuu waan kana hunda jalaa na baase. Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama; namoonni hamoonii fi gowwoomsitoonni garuu nama gowwoomsaa, of illee gowwoomfamaa hamminaan ittuma caalaa deemu. Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii; akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.