Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

1 Seenaa 24

Ramadamuu lubootaa

Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman:

Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan. Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan. Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade. Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet. Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.

Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.

Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif,

lammaffaan Yedaaʼiyaaf,

sadaffaan Haariimiif,

afuraffaan Seʼooriimiif,

shanaffaan Malkiyaaf,

jaʼaffaan Miyaamiiniif,

torbaffaan Haqoosiif,

saddeettaffaan Abiyaaf,

saglaffaan Yeeshuuʼaaf,

kurnaffaan Shekaaniyaaf,

kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif,

kudha lammaffaan Yaaqiimiif,

kudha sadaffaan Huphaaf,

kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif,

kudhan shanaffaan Bilgaaf,

kudha jaʼaffaan Imeeriif,

kudha torbaffaan Heeziiriif,

kudha saddeettaffaan Haphizeeziif,

kudha saglaffaan Phetaayaaf,

digdammaffaan Hisqiʼeeliif,

digdamii tokkoffaan Yaakiiniif,

digdamii lammaffaan Gaamuuliif,

digdamii sadaffaan Delaayaaf,

digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe.

Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.

Lewwota Hafan

Ilmaan Lewwii warra hafan:

Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel;

ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa.

Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.

Yizihaarota keessaa: Sheloomiit;

ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati.

Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.

Ilma Uziiʼeel: Miikaa.

Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir.

Obboleessa Miikaa: Yishiyaa;

Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas.

Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii.

Ilma Yaʼaziyaa: Banoo.

Ilmaan Meraarii:

Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii.

Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.

Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.

Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti.

Isaan kunneen akkuma mana abbootii isaaniitti ilmaan Lewwotaa ti.

Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.