Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

1 Seenaa 19

Waraana Amoonota Irratti Baname

19:1‑19 kwf – 2Sm 10:1‑19

Ergasiis Naahaash mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Daawitis, “Sababii abbaan isaa naa arjoomeef anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge.

Yommuu namoonni Daawit dhaamsa gaddaa itti himuuf Haanuun bira biyya Amoonotaa dhaqanitti, qondaaltonni Amoonotaa Haanuuniin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Ergamoonni isaa biyyattii qorachuu, basaasanii qabachuuf gara kee dhufan mitii?” jedhan. Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee rifeensa irraa haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge.

Daawit yommuu namni tokko dhufee waaʼee namoota sanaa isatti himetti, sababii isaan akka malee qaanaʼaniif ergamoota gara isaaniitti erge. Mootichis “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen.

Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti Haanuunii fi Amoononni Phaadaan Arraamii, Araamaʼaakaa fi Zoobaadhaa gaariiwwan kireeffachuuf meetii taalaantii1 kuma tokko ni ergan. Isaanis gaariiwwan kuma soddomii lamaa fi ooftota gaariiwwanii, akkasumas mootii Maʼakaatii fi loltoota isaa kanneen dhufanii Meedebaa bira qubatan sana kireeffatan; Amoononni immoo magaalaawwan isaaniitii walitti qabamanii waraanatti ni qajeelan.

Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge. Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa isaanii irratti waraanaaf hiriiran; mootonni dhufan sun immoo kophaa isaanii dirree irra turan.

Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase. Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti ni hiriirse; isaanis Amoonotatti duulan. Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani sin gargaara. Jabaadhaa saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. Waaqayyos waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.”

Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan. Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis fuula obboleessa isaa Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Yerusaalemitti deebiʼe.

Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti ergamoota erganii namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiisan; Shoofaki ajajaan loltoota Hadaadezer sun isaan hoogganaa ture.

Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabee Yordaanos ceʼe; innis dursee dhaqee fuula isaanii duraan toora lolaa ni qabate. Daawitis warra Sooriyaa waraanuuf loltoota isaa hiriirse; namoonni Sooriyaas ni lolaniin. Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoofaki illee ni ajjeese.

Tajaajiltoonni Hadaadezeriis yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti Daawit wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan.

Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu hin feene.

Source notes (1)
  1. Footnote Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.