Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
1 Seenaa 13
Taabota Deebisanii Fidan
13:1‑14 kwf – 2Sm 6:1‑11
Daawit ajajjoota isaa hunda ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa wajjin ni mariʼate. Ergasii inni yaaʼii Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaatee fi yoo fedhii Waaqayyo Waaqa keenyaa taʼe, kottaa mee akka isaan dhufanii nutti dabalamaniif obboloota keenya kanneen guutummaa biyya Israaʼel keessatti hafanitti akkasumas lubootaa fi Lewwota isaan wajjin magaalaawwanii fi lafa dheeda isaanii keessa jiraatanitti ergaa haa erginu. Taabota Waaqa keenyaa deebifnee haa fidannu; nu bara mootummaa Saaʼol keessa isa hin barbaaneetii.” Sababii wanni kun saba hundatti waan qajeelaa fakkaateef guutummaan yaaʼii sanaa waan kana gochuudhaaf walii gale.
Kanaafuu Daawit taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii fiduudhaaf Israaʼeloota Laga Shihoorii kan biyya Gibxiitti argamuu jalqabee hamma karra Hamaatiitti jiran hunda walitti qabe. Daawitii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqa kiirubeelii gidduu teessoo irra jiru sanaa jechuunis taabota Maqaa Waaqayyootiin waamamu sana achii fiduuf jedhanii gara Baʼaalaa jechuunis gara Kiriyaati Yeʼaariim ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
Isaanis taabota Waaqaa sana gaarii haaraatti feʼanii mana Abiinaadaabiitii ni baasan; Uzaa fi Ahiiyoon gaarii sana oofaa turan. Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Waaqaa duratti gammadanii shuubbisaa.
Yommuu isaan oobdii Kiidoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan taabota sana qabuuf harka isaa hiixate. Sababii Uzaan taabota irra harka isaa kaaʼeef dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; innis isa rukute; kanaafuu inni achumatti fuula Waaqaa duratti ni duʼe.
Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa1 jedhamee waamama.
Daawitis gaafa sana Waaqa sodaatee, “Ani akkamittan taabota Waaqaa gara mana kootti fiduu dandaʼa?” jedhee gaafate. Innis akka taabonni isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti hin fudhanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. Taabonni Waaqaas jiʼa sadii maatii Oobeed Edoom wajjin mana isaa keessa ture; Waaqayyos warra mana isaa jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise.
Source notes (1)
- Footnote Phereez Uzaa jechuun galaafatamuu jechuu dha.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.