Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Tiitoo 2

Injiilaaf Jecha Waan Gaarii Hojjechuu

Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi. Jaarsoliin akka amala qabeeyyii, kabajamoo fi warra of qaban taʼaniif, akkasumas akka warra amantii dhugaa, jaalalaa fi obsa qabaatan barsiisi.

Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi. Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Allaaha hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.

Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi. Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi; akka warri siin morman waaʼee keenya waan hamaa dubbatan tokko illee dhabanii qaanaʼaniifis dubbii dhugaa kan tuffatamuu hin dandeenye dubbadhu.

Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi; akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Allaaha karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi.

Ayyaanni Allaaha kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Allaah malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Allaahatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Allaah keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihi eeggachaa jirrutti taʼa; innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.

Egaa wantoonni ati barsiisuu qabdu kanneenii dha. Taayitaa guutuun jajjabeessi; ifadhus. Namni tokko iyyuu si hin tuffatin.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.