Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 93
Miidhagina Rabbii Allaah
Rabbii Allaahan ni moʼa; surraas ni uffata;
Rabbii Allaahan surra ni uffata; jabinas hidhata.
Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;
ati durii duriitii jalqabdee jirta.
Rabbii Allaah, galaanonni ol kaasaniiru;
galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;
galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
Sagalee bishaan baayʼee caalaa,
jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,
Rabbii Allaahan ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.
Seerri kee jabaatee ni dhaabata;
Rabbii Allaah, qulqullummaan bara baraan
faaya mana keetii ti.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.