Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 87
Xiyoon, Haadha Sabootaa
Zabuurii Ilmaan Qooraahi.
Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
Rabbii Allaahan iddoo jireenya Yaaʼikuub hunda caalaa,
karrawwan Xiyoon jaallata.
Yaa magaalaa Allaaha,
waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
“Ani Raʼaabii fi Baabilonin
warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa;
kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin,
‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”
Dhugumaan waaʼee Xiyoon,
“Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan;
Allaahan Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.
Rabbii Allaahan yeroo saboota galmeessutti,
“Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.
Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan,
“Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.