Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 82
Abbootii Murtii Kanneen Murtii Jalʼisan
Zabuurii Asaaf.
Allaahan, waldaa waaqeffatamtootaa gidduu dhaabata;
“waaqeffatamtoota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:
“Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu?
Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?
Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa;
mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.
Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;
harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
“Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan.
Isaan dukkana keessa jiraatu;
hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
“Anis, ‘Isin, “waaqeffatamtoota;”
hundi keessan ilmaan Allaah Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.
Taʼus isin akkuma namatti ni duutu;
akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”
Yaa Allaah kaʼi; lafatti muri;
sabni hundinuu kan keetiitii.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.