Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 76

Zabuurii Allaah Sodaatamuu Qabuuf Faarfatame

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Zabuurii Asaaf.

Yihuudaa keessatti Allaahan beekamaa dha;

maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.

Dunkaanni isaa Saalem keessa,

iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.

Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi

meeshaawwan waraanaa caccabse.

Ati ifa uffattee miidhagdeerta;

ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.

Gootonni boojiʼamaniiru;

hirribaanis fudhatamaniiru;

duultota keessaas namni tokko iyyuu

harka sochoofachuu hin dandeenye.

Yaa Allaah Yaaʼikuub, ifannaa keetiin fardeenii

fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.

Siʼi qofatu sodaatamuu qaba.

Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?

Ati shamaayʼun irraa murtii kennite;

laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;

yaa Allaah, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf,

rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.

Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida;

warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.

Rabbii Allaah keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa;

warri naannoo isaa jiraatan hundinuus

Allaah sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.

Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa;

mootonni lafaas isa sodaatu.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.