Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 67

Zabuurii Yeroo Midhaan Galfamuu

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Zabuurii.

Allaahan garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus;

fuula isaas nurratti haa ibsu;

kunis akka karaan kee lafa irratti,

fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.

Yaa Allaah, saboonni si haa jajatan;

saboonni hundii si haa jajatan.

Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf,

saboota lafa irraas waan geggeessituuf,

saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.

Yaa Allaah, saboonni si haa jajatan;

saboonni hundii si haa jajatan.

Lafti midhaan kenniteerti;

Allaah, Allaahan keenyas nu eebbiseera.

Allaahan nu eebbiseera;

handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.