Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 3
Duʼaa Nama Ariʼatamaa Jiruu
Zabuurii Daawud yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate.
Rabbii Allaah, diinonni koo akkam baayʼatu!
Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
Namoonni baayʼeen, “Allaahan isa hin baraaru” jedhanii
waaʼee koo dubbatu.
Rabbii Allaah, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;
ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
Ani guddisee Rabbii Allaahatti nan iyyadha;
innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
Ani nan ciisa; nan rafas;
waan Rabbii Allaahan ol na qabuuf nan dammaqa.
Saba kumaatama qixa hundaan
kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
Rabbii Allaah kaʼi!
Yaa Allaah koo na baraari!
Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;
ilkaan hamootaa illee caccabsi.
Fayyinni kan Rabbii Allaah ti.
Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.