Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 29

Zabuurii Gooftaa Bubbeetiif Dhiʼaate

Zabuurii Daawud.

Isin jajjabeeyyiin, Rabbii Allaahaf fidaa;

ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf fidaa.

Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa;

iddoo qulqullummaa isaatti Rabbii Allaah waaqeffadhaa.

Sagaleen Rabbii Allaah bishaanota irra jira;

Allaahan ulfinaa ni qaqawweessaʼa;

Rabbii Allaahan bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.

Sagaleen Rabbii Allaah humna qaba;

sagaleen Rabbii Allaah surra qabeessa.

Sagaleen Rabbii Allaah birbirsa ni cabsa;

Rabbii Allaahan birbirsa Libaanoon ni caccabsa.

Inni Libaanoonin akka jabbiitti,

Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.

Sagaleen Rabbii Allaah

balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.

Sagaleen Rabbii Allaah gammoojjii sochoosa;

Rabbii Allaahan Gammoojjii Qaadesh sochoosa.

Sagaleen Rabbii Allaah qilxuu micciira;

bosonas qullaatti hambisa.

Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.

Rabbii Allaahan lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;

Rabbii Allaahan Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.

Rabbii Allaahan saba isaatiif jabina kenna;

Rabbii Allaahan saba isaa nagaadhaan eebbisa.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.