Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 15
Nama Akkamiitu Mana Allaaha Keessa Jiraachuu Dandaʼa?
Zabuurii Daawud.
Rabbii Allaah, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata?
Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi
nama waan qajeelaa hojjetu,
nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
kan arraba isaatiin nama hin hamanne,
nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi
nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
kan nama hamaa tuffatee warra Rabbii Allaah sodaatan garuu kabaju,
yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi
kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha.
Namni wantoota kanneen hojjetu,
gonkumaa hin raafamu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.