Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 138
Zabuurii Galataa
Zabuurii Daawud.
Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
fuula “waaqeffatamtootaa” durattis galata kee nan faarfadha.
Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef,
ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif
gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee,
maqaa kee nan leellisa.
Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite;
irree keetiinis na jabeessite.
Rabbii Allaah, mootonni lafaa hundinuu,
yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.
Ulfinni Rabbii Allaaha, guddaadhaatii,
isaan waaʼee karaa Rabbii Allaah haa faarfatan.
Rabbii Allaahan yoo ol fagoo jiraate iyyuu, // nama gad qabame ni ilaala;
nama of tuulu immoo fagootti beeka.
Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu,
ati lubbuu koo ni eegda;
aarii diina kootti harka kee ni diriirsita;
harka kee mirgaatiinis na oolchita.
Rabbii Allaahan kaayyoo isaa fiixaan naa baasa;
yaa Rabbii Allaah, jaalalli kee bara baraan jiraata;
hojii harka keetii hin gatin.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.