Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 132

Zabuurii Deebifamuu Taabotaa

132:8‑10 kwf – 2Sn 6:41‑42

Zabuurii ol baʼuu.

Rabbii Allaah, Daawudii fi

rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.

Inni kakuu tokko Rabbii Allaahaf kakatee

Allaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:

“Ani mana koo ol hin seenu;

yookaan siree kootti ol hin baʼu.

Ani ija kootiif hirriba,

baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;

kunis hamma ani Rabbii Allaahaf iddoo argutti,

Allaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”

Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;

Yaaʼaarittis isa arganne:

“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;

ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.

‘Rabbii Allaah kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;

atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.

Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;

qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”

Sababii garbicha kee Daawudiif jedhiitii,

dibamaa kee hin gatin.

Rabbii Allaahan akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawudiif kakateera;

inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:

“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;

yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,

ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti // teessoo kee irra ni taaʼu.”

Rabbii Allaahan Xiyoonin filateeraatii;

akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:

“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;

kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.

Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;

hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.

Luboota isheetti fayyina nan uffisa;

qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.

“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawudiif biqilu nan godha;

dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.

Diinota isaatti qaanii nan uffisa;

gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.