Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 122
Yaa Yerusaalem Ililchi
Zabuurii Ol baʼuu. Zabuurii Daawud.
Yommuu isaan, “Kottu gara mana Rabbii Allaah dhaqnaa”
naan jedhanitti, ani nan gammade.
Yaa Yerusaalem,
miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.
Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee
gobbatte tokkootti ijaaramte.
Kunis iddoo gosoonni,
gosoonni Rabbii Allaahan,
akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti,
maqaa Rabbii Allaah galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.
Teessoowwan murtii,
teessoowwan mana Daawud achi dhaabatu.
Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif duʼaa godhaa:
“Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.
Dallaa kee keessa nagaan,
masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”
Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee,
“Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
Mana Rabbii Allaah keenyaatiif jedhee,
ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.