Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 118

Zabuurii Ayyaana Daasii

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa

bara baraan jiraata” haa jedhu.

Manni Haaruunis,

“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.

Warri Rabbii Allaah sodaatan,

“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.

Dhiphina koo keessatti ani Rabbii Allaahatti nan iyyadhe;

innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.

Rabbii Allaahan na wajjin jira; ani hin sodaadhu;

namni maal na gochuu dandaʼa?

Rabbii Allaahan na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti.

Anis diinota koo nan moʼadha.

Nama amanachuu irra,

Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.

Qondaaltota amanachuu irra,

Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.

Saboonni hundinuu na marsan;

ani garuu maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.

Isaan karaa hundaan na marsan;

ani garuu maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.

Akkuma tuuta kanniisaa na marsan;

garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan;

anis maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.

Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture;

Rabbii Allaahan garuu na gargaare.

Rabbii Allaahan jabina kootii fi faarfannaa koo ti;

inni fayyina koo taʼeera.

Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota

qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama;

“Harki Rabbii Allaah kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!

Harki Rabbii Allaah kan mirgaa ol qabameera;

harki Rabbii Allaah mirgaa waan jabaa hojjeteera!”

Ani nan jiraadha malee hin duʼu;

waan Rabbii Allaahan hojjetes nan labsa.

Rabbii Allaahan jabeessee na adabeera;

garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.

Karra qajeelummaa naa banaa;

anis ol galee Rabbii Allaahaf galata nan galcha.

Kun karra Rabbii Allaaha,

kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.

Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha;

ati fayyina naa taateerta.

Dhagaan ijaartonni tuffatan,

dhagaa golee taʼeera;

Rabbii Allaahan waan kana hojjeteera;

kunis ija keenyatti dinqii dha.

Guyyaan kun guyyaa Rabbii Allaah uumee dha;

kottaa ni ililchina; itti gammannas.

Rabbii Allaah, si duʼaa nu oolchi;

Rabbii Allaah, si duʼaa nu milkoomsi.

Kan maqaa Rabbii Allaahatiin dhufu eebbifamaa dha.

Nu mana Rabbii Allaah keessaa isin eebbifna.

Rabbii Allaahan Allaaha dha;

ifa isaas nuu irratti ibseera.

Dameewwan harkatti qabadhaatii // warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;

gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.

Ati Allaah koo ti; ani sin galateeffadha;

ati Allaah koo ti; anis sin leellisa.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.