Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Miilkiyaas 4
Dhufaatii Guyyaa Rabbii Allaah
“Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba” jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. “Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu. Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu. Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu” jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
“Seera garbicha koo Muusaa, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa.
“Kunoo ani, guyyaan Rabbii Allaah inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Iliyaas nabiiʼiyyicha isiniif nan erga. Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.