Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Yushuʼaa 16

Qooda Gosa Efreemii fi Gosa Minaasee

Qoodni Yuusuf Yordaanos Yerikoo biratti argamtu, karaa baʼa bishaanota Yerikootii kaʼee gammoojjii keessa qaxxaamuree biyya gaaraa Beetʼeelitti ol baʼa. Luuzi ishee Beetʼeel jedhamtu sanaa kaʼee gara biyya Arkaawotaa kan Axaaroti keessatti argamtu sanaatti ceʼa. Achii immoo gara lixaa biyya Yafleexotaatti gad buʼee Beet Horoon gaʼee gara Geezir itti fufee galaanicha gaʼee dhaabata.

Akkasitti Minaasee fi Efreem, ilmaan Yuusuf dhaala isaanii argatan.

Qoodni gosti Efreem balbala balbalaan argatte kunoo kana:

Daariin dhaala isaanii gara baʼaatiin Axaaroti Adaarii kaʼee hamma Beet Horoon gara Ol aanuutti deemee hamma galaanaatti itti fufa. Karaa kaabaatiin Mikmetaatii kaʼee karaa baʼaatiin gara Taanaat Shiiloo goree achiin darbee baʼa Yaanoʼaatti qajeela. Ergasii immoo Yaanoʼaadhaa kaʼee Axaarotii fi Naʼaraatti gad buʼee Yerikoo irra naannaʼee Yordaanositti gad baʼa. Daariin sun Tafuuʼaadhaa kaʼee gama Lixaatiin Laga Qaanaatti gad buʼee galaana gaʼee dhaabata. Dhaalli gosti Efreem balbala balbalaan argatte kanaa dha.

Daariin kun magaalaawwanii fi olloota isaanii kanneen dhaala gosa Minaasee keessatti gosa Efreemiif hambifaman hundas ni dabalata.

Isaan Kanaʼaanota Geezir keessa jiraachaa turan sana ariʼanii achii hin baafne ture; hamma harʼaatti Kanaʼaanonni saba Efreem gidduu jiraatu; garuu akka hojii humnaa hojjetan dirqamu.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.