Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Ermiyaas 45
Dhaamsa Baarukitti Ergame
Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas nabiiʼiyyichi Baarukitti himes kanaa dha: “Yaa Baaruk, Rabbii Allaahan Israaʼel akkana siin jedha: ati, ‘Anaaf wayyoo! Rabbii Allaahan dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette. Rabbii Allaahan akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Rabbii Allaahan akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa. Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Rabbii Allaahan.’ ”
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.