Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Isaayyaas 52
Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi;
jabina kee uffadhu!
Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii,
wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu.
Namoonni dhagna hin qabaminii fi
xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.
Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu;
kaʼiitii teessoo irra taaʼi.
Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii,
foncaa morma keetii of irraa hiiki.
Rabbii Allaahan akkana jedhaatii:
“Isin gatii malee gurguramtanii turtan;
amma immoo maallaqa malee furamtan.”
Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhaatii:
“Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe;
ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.
“Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Rabbii Allaahan.
“Sabni koo sababii malee fudhatameera;
warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Rabbii Allaahan.
“Guyyaa guutuus,
maqaan koo ittuma fufee arrabsama.
Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka;
kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate
akka ana taʼe ni beeku.
Eeyyee, inni anuma.”
Miilli warra injiila fidanii,
kan nagaa labsanii,
kan oduu gammachiisaa fidanii,
kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,
“Allaahan kee moʼeera!” jedhanii
tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!
Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru;
isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu.
Yeroo Rabbii Allaahan Xiyoonitti deebiʼutti,
isaan ijuma isaaniitiin ni argu.
Yaa diigamtoota Yerusaalem
tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa;
Rabbii Allaahan uummata isaa jajjabeessee
Yerusaaleminis fureeraa.
Rabbii Allaahan fuula saboota hundaa duratti,
irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa;
handaarri lafaa hundis
fayyisuu Allaah keenyaa ni argu.
Isin warri miʼa Rabbii Allaah baattan, addaan baʼaa;
addaan baʼaa; achii fagaadhaa!
Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa!
Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.
Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan;
yookaan baqattanii hin deemtan;
Rabbii Allaahan fuula keessan dura deemaatii;
Allaahan Israaʼel dugda duubaan isin eega.
Dhiphinaa fi Ulfina Garbicha Sanaa
Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta;
inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.
Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti,
fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera;
bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;
akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa;
mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu.
Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii;
waan hin dhagaʼinis ni hubatu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.