Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Hooseʼaa 12

Efreem bubbee nyaata;

inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga;

sobaa fi gooliis ni baayʼisa.

Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee

biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.

Rabbii Allaahan waan Yihuudaa himatu qaba;

inni akkuma amala isaatti Yaaʼikuubin adaba;

akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.

Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe;

erga guddatee immoo Allaah wajjin walʼaansoo qabe.

Inni malaʼikkaa Allaaha wajjin walʼaansoo qabee moʼate;

booʼees surraa kadhate.

Inni Beetʼeelitti isa argatee

achitti isa wajjin haasaʼe.

Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandaʼu,

maqaan isaa Rabbii Allaah!

Ati garuu Allaah keetti deebiʼi;

jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii

yeroo hunda Allaah kee eeggadhu.

Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu

nama gowwoomsuu jaallata.

Efreem akkana jedhee boona;

“Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera.

Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu

balleessaa yookaan cubbuu tokko illee // narratti argachuu hin dandaʼan.”

“Ani Rabbii Allaah kee

kan biyya Gibxii si baasee dha;

ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee // kanneen murteeffaman sanaatti

deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.

Ani nabiiʼiyyootatti dubbadhee

mulʼata hedduu kenneefii

karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”

Giliʼaad hamaadhaa?

Sabni ishee faayidaa hin qabu!

Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu?

Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa

kan qotame irra jiruu ni taʼa.

Yaaʼikuub gara Sooriyaatti baqate;

Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile;

gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.

Rabbii Allaahan biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf // raajiitti fayyadame;

inni karuma nabiiʼiyyii sanaatiin isa kunuunse.

Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase;

Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana // isumatti deebisa;

arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.