Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Ibroota 1

Dubbii Allaah Kan Xumuraa: Ilma Isaa

Bara durii Allaahan yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin nabiiʼiyyootaan abbootii keenyatti dubbatee ture; bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe. Akkuma maqaan inni dhaale sun kan malaʼikkootaa caalaa guddaa taʼe sana innis malaʼikkoota caalaa guddaa dha.

Ilmi Malaʼikkoota Caaluu Isaa

Allaahan malaʼikkoota keessaa isa kamiin,

“Ati Ilma koo ti;

ani harʼa si dhalcheera”1

Yookaan isa kamiin,

“Ani isaaf Abbaa nan taʼa;

innis Ilma naa taʼa”2

jedhee beeka? Akkasumas Allaahan yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti,

“Malaʼikkoonni Allaaha hundi isa haa waaqeffatan”3

jedha. Yommuu waaʼee malaʼikkootaa dubbatus,

“Inni malaʼikkoota isaa hafuurota,

tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha”4

jedha. Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha;

“Yaa Allaah, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;

bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.

Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;

kanaafuu Allaahan, Allaahan kan kee zayitii gammachuutiin si dibee,

hiriyoota kee si caalchise.”5

Akkasumas inni akkana jedha;

“Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite;

shamaayʼuniiwwanis hojii harka keetii ti.

Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;

hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;

ati akkuma wayyaatti isaan marta;

isaan akkuma uffataatti geeddaramu;

ati garuu sanuma;

umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”6

Allaahan malaʼikkoota keessaa isa kamiin,

“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,

gara mirga koo taaʼi”7

jedhe? Malaʼikkoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?

Source notes (7)
  1. Footnote Zab 2:7
  2. Footnote 2Sm 7:14; 1Sn 17:13
  3. Footnote KeD 32:43
  4. Footnote Zab 104:4
  5. Footnote Zab 45:6,7
  6. Footnote Zab 102:25‑27
  7. Footnote Zab 110:1

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.